Yuunivarsiitiin Finfinnee Yuunivarsiitii Walloo deebisanii dhaabuuf kan oolu deeggarsa birrii Miiliyoona 33 taasise.

117

Bitootessa 5/2014(TOI) - Yuunivarsiitiin Finfinnee Yuunivarsiitii Walloo deebisanii dhaabuuf kan oolu deeggarsa birrii Miiliyoona 20 fi meeshaalee adda adda gatiin isaanii birrii miiliyoona 13 baasu taasise.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee piroofeesar Xaasoo Waladahaanna akka himanitti waraana kutaa biyya gara kaabaa tureen dhaabbilee barnootaa miidhaman deebisanii dhaabuuf Yuunivarsiitiwwaan 10 waliin qindaa'anii hojjechaa jiru.

Guyyaa har'aas Yuunivarsiitiin Finfinnee Kolleejjotaa isaa hundaarra kan walitti qabe meeshalee adda addaa gatiin isaanii birrii miiliyoona 7 baasu deeggarsa taasiseera.

Konkolaatoonni deeggarsa kana fe'an har'a gara Wallootti kan imaalan yoo ta'u torban itti aanu immoo meeshaalee adda addaa birrii miiliyoona 6 baasan gara sanatti erguuf qophiin taasifamuu himaniiru.

Yuunivarsiitichi kanaan dura karaa Ministeera Maallaqaa birrii miiliyoona 20 deeggarsa taasisuusaa Piroofeesar Xaasoon himaniiru.Kunis Yuunivarsiitiin Walloo hojii idilee isaa baruufi barsiisuutti akka deebi'uuf kan gargaarudha jedhaniiru.

Gara fuula duraattis deeggarsicha taasisuu kan itti fufan ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015