Sirni awwaalchaa Qulqulluu Abuna Marqoorewoos adeemsifamaa jira

76

Bitootessa 04/2014(TOI) - Sirni awwaalchaa Paatriyaarkii 4ffaa mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Marqoorewoos Kaatideraalii Qiddista Sillaaseetti bakka hoggantoonni olaanoo mootummaa, abbootiin amantii manneen amantii gara garaa argamanitti raawwataa jira.

Abuna Marqoorewoos bara 1980 paatiriyaarkii 4ffaa bastaskaana Ortodoksii Itoophiyaa ta'uun muudaman.

Haata'u malee biyya keessatti waggoota sadii qofa tajaajilan.

Dhiibbaawwan gara garaa mootummaa yeroo sana biyya bulchaa tureen irra gahaa ture.

Utuma Qulqulluu Abuna Marqoorewoos lubbuun jiranii paatriyaarkii haaraan waan irratti muudameef gara Keeniyaatti baqatan.

Walumaagalatti Abuna Marqoorewoos waggoota 34 paatiraarkummaan kan tajaajilan yoo ta'u, waggoota 26 baqannaan biyya alaatti dabarsaniiru.

Abuna Marqoorewoos abbaasaanii Bilaattaa Fantaafi haadhasaanii Lamlam Kabbadaarraa bara 1930 Gondar, Aanaa Istee, Ganda Maar Midir jedhamutti dhalatan.

Abuna Marqoorewoos dhukkubsatanii wal'aanamaa turuun Guraandhala 24 bara 2014 galgala keessaa sa'aatii 6:30 lubbuunsaanii darbe.

Abuna Marqoorewoos Sinodosii Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa waggoota 26f bakka lamatti qoodamee ture tokko akka tahu gochuu keessatti gahee olaanaa bahaniiru.
OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015