IMF biyyoota Afrikaa sababa waraana Raashiyaa fi Yuukreeniin miidhamniif deeggarsa Doolaara biiliyoona 50 taasiisuufi jedhame

145

Bitootessa 2/2014 (TOI) – Dhaabbanni Fandii Maallaqaa Idil Addunyaa biyyoota Afrikaa sababa waraanaa Raashiyaa fi Yuukreeniin miidhamniif deeggarsa Doolaara biiliyoona 50 taasiisuuf waadaa galuu eerameera.

Diinagdeen Biyyoota Afrikaa sababa walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukreeniin dhiibbarratti akka hin kufne deeggarsa Doolaara biiliyoona 50 taasiisuuf ta’uu Daayreektarri Bulchiinsaa Dhaabbata Fandii Maallaqaa Idil Addunyaa Kiriistaaliinaa Joorjiyeevaab turtii Gaazexeessitoota idil addunyaa waliin taasiisaniin ibsaniiru.

Daayreektarittiin Ministiroota Maallaqaa biyyoota Afrikaa, Bulchitoota Baankii giddugaleessaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanitti bakka buutoota Komishinii Diinagdee Afrikaa waliin dhiibbaa fi qaala’iinsa waraanni Raashiyaa fi Yuukreen qaqqabsiisuu danda’urratti mari’ataniiru.

Sababa waraanaan daballii gatii Boba’aa, gatii midhaan nyaataa, dirqama tajaajila idaa fi dhiibbaa galii Turizimiirratti qaqqabsiisu danda'u ilaalchisee marii taasiisuu himameera.

Afrikaatti biyyoota 12 qofatu Inarjii calalamaa alatti erga, biyyoonni 42 ammoo alaa galchu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015