Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Dhaabbata Misoomaa Jarman ‘JIZ’ waliin Giddugala Leenjii Taphaa fi Sadarkaa Dirree Shaakkallii “CAF”fooyyessuuF waliigaltee birrii miiliyoona 10 mallateesse.

225

Guraandhala 30/2014(TOI) -Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Dhaabbata Misoomaa Jarman ‘JIZ’ waliin Giddugala Leenjii Taphaa fi Sadarkaa Dirree Shaakkallii “CAF”fooyyessuu, akkasumas Dirree hojjechuuf kan dandeessisu waliigaltee Birrii miiliyoona 10 mallateessee.

Bu’uura waliigaltiichaanis Dhaabbanni JIZ Giddugala Leenjii, Taphaa fi Dirree Shaakallii “CAF” keessatti argamu Dirree Taphaa sadarkaa isaa eeggateen hojii deebisanii ijaaru kan raawwatamu jedhameera.

Ijaasa Dirree Taphaa haaraa tokko dabalatee hojiin hunduu bara 2014 akka xumuramuus waliigaltiicha irratti eeramuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaatti Hogganaan Sab-qunnamtii hawaasaa Obbo Baahiruu Xilaahuun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015