“Mootummaan Maqaa Demokiraasiitiin kanneen Biyya Diiganiif Obsa Hin Qabu”--Obbo Lammaa Magarsaa Bulchaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

167

Asoosaa Ebla 02/2011 “Maqaa demokiraasiitiin namoota biyya diigan mootummaan callisee bira hin darbu” jechuun bulchaan bulchiinsa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa akeekkachiisan.

Konfiransiin waliinii naannolee Beeniishaangul Gumuuzii fi Oromiyaa Asoosaatti adeemsifame kaleessa galgala xumurameera.

Pirezidaanti Lammaa Magarsaa konfiransicharratti akka hubachiisanitti, mootummaan naannichaa qaamolee maqaa demokiraasiitiin biyya bittimsuu barbaadan hin obsu.

 Mootummaan nageenya lammiilee eegsisuuf  itti gaafatama qabuun humnoota badii akka hin baanne dubbataniiru.

Dhiheenyatti naannolee lamaanitti walitti bu’iinsa uumame tarkaanfiin tooftaa qabeessi fudhatamee nagaa fi tasgabbiin bu’uusaa kan himan obbo Lammaan, ummatichi tokko kan biraaf dahoo ta’uudhaan deeggarsii fi tokkummaan Itiyoophiyummaa agarsiise kan nama boonsu akka ture ibsaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaas naannawoota kana tasgabbeessuuf ga’een inni ba’e nama boonsa jedhaniiru.

“Rakkooleen keenya kan hiikaman seenaa keenya kaleessaatiin osoo hin ta’iin hojii keenya har’aatiini” kan jedhan obbo Lammaan, “eenyuufiyyuu meeshaa osoo hin ta’iin, walii tumsuudhaan nageenyaa fi misooma waliiniitiif waliin hojjechuu qabna” jechuun dubbataniiru.

Namoota walitti bu’iinsa naannoleerratti hiraatan seeratti dhiheessuuf adeemsi jalqabame akka itti fufu beeksisaniiru.

“Ummanni lameen Waanti waliin hin qabne hin jiru” kan jedhan pirezidaanti Lammaan, jireenya ummattootaa jijjiiruuf qindoominaan hojjechuu fi jijjiirama akka biyyaatti dhufe itti fufsiisuutu barbaachisa jedhaniiru.

“Naannoon Oromiyaa Naannoo Beeniishaangul Gumuz gargaaruunsaa akka hojii ola ooltummaatti ilaalamuu hin qabu” jechuun barbaachisummaa wal deeggarsa naannolee lamaanii agarsiisaniiru.

Naannoleen albuuda, lafa gabbataa fi qabeenya uumamaa misoomsuudhaan fayyadamaa ta’uu akka qaban obbo Lammaan dubbataniiru.

Ministirri nageenyaa adde Mufariyaat Kaamiil gamasaaniitiin, biyyattii naannawoota addaddaatti walitti bu’iinsonni mudachaa jiran bu’aalee adeemsa waggoota darbanii ta’uusaanii ibsanii, keessumaa dargaggoon bilisummaa amma argate itti gaafatummaa wajjin dhandhamachuudhaan walitti bu’iinsa keessaa ba’uu qaba jedhaniiru.

“Amma biyyattii keessa oduu irra darbee mootummaan ummata dhaggeeffatu jira” kan jedhan ministirittiin, dargaggeessi biyyasaa akka beeku hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Hirmaattonni marichaa tokko tokko gamasaaniitiin, walitti bu’iinsi naannolee lamaan jidduutti mudate ummattoota naannolee lamaanii jidduutti akka hin mudanne ibsaniiru.

Ummattoonni lamaan walitti hidhiinsa dhiigaa fi aadaa qaban dinagdeedhaan cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Mootummoonni naannolee lamaanii waliin hojjechuuf kan irratti walii galan karoora misoomaarratti ummata mari’achiisuu akka barbaachisu ibsaniiru.

Hooggantoonni amantaa fi abbootiin Gadaa hojiiwwan tokkummaa Itiyoophiyummaa cimsan irratti akka xiyyeeffatan gaafataniiru.

Konfiransicharratti bakka bu’oonni naannolee Beeniishaangul Gumuuz, Oromiyaa fi Amaaraa  irraa dhufan kuma tokkoo ol ta’an hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015