Namoonni Zayita nyaataa karaa seeraan alaa magaalicha keessaa godaansisuuf yaala turan to'ataman.

52

Gurraandhala 27/2014(TOI) - Magaalaa Finfinneetti kaleessa galgala namoonni karaa seeraan alaa Zayita nyaataa jiraatoota magaalaa Finfinnee akka tajaajiluuf qophaa'e gara biraatti dhoksaan godaansiisuuf osoo yaalanii to'ataman.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees daldaltootaafi Faddaaltota waantota nyaataf oolaan bu'uuraa fi meeshalee dheedhii seeraan alaa godaansisaniifi dhoksan to'achuuf koree hundeessee hojiitti galeera.

Haaluma kanaan korichi guyyaa kaleessaa shakkamtoonni Zayita nyaataa dhoksaan godaaansiisaa turan to'annoo jala oolcheera.

Akkasumas qaamolee mootummaa fi ummata walitti buusuuf daballii gatii taasiisuun hawaasa dhiphisaa jiran to'annoo jala oolchuuf eeruu ummatarraa argameen hordoffiin taasiisamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015