Magaalaa Finfinneetti pirojektoonni daandii ijaaramaa turan eebbifaman.

49

Gurraandhala 27/2014 (TO) –Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Pirojektoonni daandii magaalucha keessaatti bakkeewwan adda addaatti ijaarsamaa tura har'a eebbifaman.

Daandiwwaan kunis 11 sadarkaa Aspaaltiin kan ijaraama, bakkeewwan dhaabbii konkolaataa 2 fi daandii lafoo yoo ta'u waliigalaan birrii biiliyoona 1.9.kan ijaaramaan jedhameera.

Daandiiwwan har'a eebbifaman kunneen Daadii Hacaaluu Hundeessaa daandii Hayilee garmeentii haga addabaabayii Jamootti jiru, Daandii riqichaa CMC mikeel qaxaamuru, Addababayij waashingiteendiisii hanga Laga haarfi kenneen biroodha.

Waliigalaan daandiiwwan har'a eebbifaman kilomeetira 19 kan qaban yoo ta'u bali'inni isaanii meetiira 13 hanga 60 kan qabanidha.

Sirna eebbaa daandiwwaan kanarratti Kaantibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon bulchiinsa magaalichaa biroo argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015