Ibsa Humna Waloo nageenyaarraa laatame

74

Finfinnee, Gurraandhala 26/2014 (TOI) – Humni Waloo Nageenyaa FDRI haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Humni Waloo Nageenyaa FDRI ummata magaalaa Finfinnee ayyaanoota idil addunyaa, Ardii fi Biyyaaleessaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuu fi maqaa gaarii biyyaa haala ijaaruun hojjechatamaa turuu ibseera.

Yaa ta'uutii tibbana Paartileen Siyaasaa tokko tokko, garee fi namoonni dhuunfaan injifannoo Adwaa haala hoo'an kabajamee fi guyyaa har'aa ammoo guyyaa yaadannoo Kaarramaaraa kabajameerratti sabaa fi sablammoota gidduutti walitti bu'iinsi akka uumamu sochii taasiisaa turuu ibseera.

Qaamolee nageenyaa tasgabbii ummataa kabachiisuuf halkanii fi guyyaa dhama'an irratti jechoota jibbiinsaa fi qaanessaa ta'een arrabsaa oolaniiru.

Qaamoleen nageenyaa gara walitti bu'iinsa hin barbaachiifneetti akka hin galamne tattaaffii olaanaa taasiisuu Humni Waloo kun ibseera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015