Naannoon Sidaamaa hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii hin ba’anne 384 irratti murtoo siyaasaa dabarse

67

Gurraandhala 26/2014 (TOI) – Naannoon Sidaamaa hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii haalaan hin ba’atiin hafan 384 irratti murtoo siyaasaa dabarsuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa naannichaa ibse.

Hoggantoota 146 hoggansarraa akka kaafaman taasisuu fi 238 irratti ammoo akeekkachiisni kennamuu ibsameera.

Naannichatti waltajjiin leenjii hoggansaa fi miseensaa gamaggama irratti xiyyeeffate mata duree “jijjiiramanii biyya jijjiiruuf” jedhuun kennamaa ture xumuramuu eerameera.

Hogganaan waajjirichaa obbo Abrahaam Maarshaalloon xumuramuu waltajjichaa ilaalchisuun guyyaa kaleessaa miidiyaaleef ibsa kennuu yaadachiifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015