Atileet Fayyisaa Leellisaa Masaraa Biyyoolessaatti Badhaasa Fudhate

77

Finfinnee Ebla 02/2011 Atileet Fayyisaa Leellisaa olompiika Riyoorratti dorgommii fiigicha maaraatooniitiin meedaaliyaa meetii argamsiiseef badhaafame.

Atileet Fayyisaan Masaraa Biyyoolessaatti argamuudhaan badhaasasaa Birrii kuma dhibba 5 fudhateera.

Atileet Fayyisaan siyaasa biyyattii yerosii mormuu isaatiin gara biyyaatti waan hin deebi'iniif badhaasasaa osoo hin fudhatiin tureera.

Badhaasa yeroo sana qophaa'es har'a fudhateera.

Maddi:- waajjira muummicha ministiraa 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015