TOI boqonnaa haaraattis madda odeeffaannoo amanamaa ta'ee itti fufa.

95

Gurraandhala, 25/2014(TOI) - Tajaajilli Oduu Itoophiyaa(TOI) tekinolojii ammayyaan deeggaramee boqqonnaa haaradhaan madda odeeffannoo amanamaa ta'ee akka itti fufa jedhan hoji raawwachiisa olaanaan TOI obbo Seeyfaa Darribee.

TOI ayyaana hundeeffama waggaa 80ffaa isaa sirnoota adda addaan kabajachaa jira.

Qaama kabaja ayyaanicha kan ta'ee guyyaa har'aa agarsiisin suuraa fi meeshaalee adda addaa adeemsa waggaa 80 TOI agarsiisuu banameera. Mariin paanaliis ni gaggeeffama.

Sirna banis agarsiisaa kanarratti haasaa kan taasisan hoji geggeessaan olaanaa TOI obbo Seeyfaa Darribee dhaabbatichi waggaa 80 keessatti bu'aa buuseefi qormaataawwan mudatan ibsaniiru.

Dhaabbatichi waggaa 80 ummata isaa tajaajilee har'a gahuu keessatti gaheen hojjetoota fi hoggantoota dhaabbatichaa yeroo adda addaatti hojjetanii fi hoggananii olaanaadha jedhaniiru.

TOI diigamurraa hafee of danda'ee labsii 1115/2011 akka itti waamanisaa mana maree bakka bu'oota uummataaf ta'u taasisuun ergama uummataafi biyyaan itti kenname akka bahatu taasisuu keessaatti gahen Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad olaanaa ta'uu himaniiru.

Dhaabbatichi diigamurra hafuu isaan rakkoo birmaduummaa biyyaa irratti aggamame qolachuu keessaatti adda waraanaatti illee osoo hin hafiin hirmaachuun odeeffannoo amanama dhiheessaa tureera jedhaniiru.''Dimokiraasii fi yaanni bilisin jiruu lammileerraa adda baasanii kan ilalamu miti.

Odeeffannoon biyyaaf waan baay'ee murteessadha'' jechuun mootummaan waan amaneef deeggarsi TOI taasisaa jiru dhaabbatichi boqonnaa haaraan akka hojii jalqabu carraa kenneefira jedhaniiru.

TOI Finfinneetti kan argamuu wajjira muummee isaa dabalatee dameewwaan isaa 38 sabdaneessa ta'ee akka jabaatuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

TOI Tajaajila Oduu keennuun Afaanoota alaan Afrikaarraa dursaa akka ta'uufi Tajaajila Oduu dhiheesuun caalaatti beekamaa fi dhiibbaa uumuu kan danda'u taasisuufis qorannoon taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Bara bajataa kana keessa dhaabbatichi gomoo ijaarsiseetti Istiidiyoo Televiizhiinii 3 fi Raadiyoo 2 meeshalee barbaachisu guutuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

TOI ceesisuuf hojii hojjetamee keessatti qamoolee mootummaa fi kanneen biroo deeggarsa fi hordoffii taasisan galateeffataniiru.

TOI bara 1934 kan hundeeffamee yoo ta'u Itoophiyaatti dhaabbata Tajaajila Oduu keennee tokkichadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015