Agarsiisinni suuraa adeemsa waggaa 80 TOI agarsiisu bakka Ministirri Muummee doktar Abiy argamanitti baname.

79

Gurraandhala 25/2014(TOI) - Adeemsa waggaa 80 Tajaajila Oduu Itoophiyaa kan agarsiisu egizibiishiniin agarsiisa suuraa bakka Ministirri Muummee FDRI dokta Abiy Ahimad argamanitti eebbifamee baname.

Agarsiisa suuraa kana Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaafi hongassi boordii Tajaajila Oduu Itoophiyaa dokta Abraahaam Balaay fi Itamajoor shuumiin Raayyaa Ittisa biyyaa Fildi marshaal Biraanuu Juulaa eebbisanii bananiiru.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa ayyaana hundeeffama waggaa 80ffaasaa sirnoota adda addaan kabajuu jalqabeera.

Sirna baninsa agarsiisaa suuraa har'a baname kanarratti hojjetoonni dhaabbatichaa,qaamoolee dhimmi ilaallatuufi keessuummoonni adda addaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015