Inistutiyutichi lammilee qe'ee isaanirra buqqa'an deebisanii dhaabuuf kan oolu birri miiliyoona 5.1 deeggarsa taasise.

51

Gurraandhala 24/2014(TOI) - Inistutiyutiin Fayyaa hawaasaa Itoophiyaa sababoota adda addaan lammilee qe'eefi qabeenya isaanirraa buqqa'aan deebisanii dhaabuuf kan oolu birrii miiliyoona 5.1 fi meeshalee adda addaa deeggarsa taasise.

Deeggarsii kunis birrii miiliyoona 5 caallaan kan kennamee yoo ta'uu birrii kumni 120 immoo meeshaaleen adda addaati jedhameera.Deeggarsichas hogganaan itti aanaa Inistutiyutii fayyaa hawaasaa Itoophiyaa doktar Geetaachoo Toleeraa Komishiinii hoggansa sodaa balaatti dabarsanii kennaniiru.

Deeggarsi kun cimee kan itti fufu ta'uu doktar Geetaachoo Toleeraa himaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan Komishiineerrii Komishiinii hoggansa sodaa balaa Mitikkuu Kaasaa deeggarsa taasifameef galateeffatanii qaamoleen biroos deeggarsa akka taasisan waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015