“Gatii bilisummaa hubachuu kan dandeenyu seenaa biyyoota bilisummaan isaanii irraa mulqamee turee yoo qorannedha''

180

Gurraandhala 23/2014(TOI) - Pirezidaantiin FDRI Saaylewariq Zawuudeen gatii bilisummaa hubachuu kan dandeenyu seenaa biyyoota bilisummaan isaanii irraa mulqamee turee yoo qorannedhan.

Pirezidaantiin FDRI Saayilewariq Zawuudee sirna kabaja ayyaana guyyaa yaaddannoo injifannoo Adwaa 126ffaa irraatti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Abbootiin keenyaa koneeffatamuurra du'a wayya jechuun lubbuu isaanii qaalii aarsaa godhaniiru jedhaniiru.

Itoophiyaanoonni Mallattoo injifannoofi bilisummaa isaanii taasifatanii kan ilaalaan injifannoon Adwaa seenaa boonsaa waggaa 126 dhaaloonni yeroos raawwatedha jedhaniiru.

Injifannoon adunwaa Aarsaan abboonni keenyaa bilisummaa fi birmadummaaf kanfalan ta'uun kan nuuf galu gootonni Adwaa hin bitamuu jechuun aarsaa isaan kanfalan yoo sirriitti hubannedha jedhaniiru.

“Gatii bilisummaa hubachuu kan dandeenyu seenaa biyyoota bilisummaan isaanii irraa mulqamee turee yoo qorannedha'' kan jedhan Pirezidanaat Saayilewariq Injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanoonni gurraachoonni hinjifachuu akka danda'an addunyaatti agarsiisanidha jedhaniiru.

Saa'a abbaan gaanfa cabse oromi ija jaamsa akkum jedhamu injifannoon Adwaa fi hidhi haaromsaa Itoophiyaa dhaaloonni yeroo isaatti injifannoo galmeesse ta'uu hubachuu kan qabu nudha jedhaniiru.

Hiyyummaa keessaa bahuuf tokkuumman barbaachisa akka ta'ee kan eeraan pirezidaanti Saayileewarq tokkummaan yoo hojjennee humni nu dhaabuu danda'u akka hin jirree seenaan injifannoo Adwaa fi Hidha haaromsaa Itoophiyaa ragaadha jedhaniiru.

Pirezidaantii Wladaa gootota durii Itoophiyaa Lij Daani'eel Jootee sirna kabaja ayyaana injifannoo Adwaa 126ffaa irratatti argamuun akka dubbatanitti, waarana Adwaa irraatti hirmaachuuf waamicha taasifameen loltoota gootota Itoophiyaa kuma 100 tu Warraa Iluu irraatti walga'e.

Loltoonni kunneen afaan adda addaa kan dubbataniifi afaan dubbataniin walii galuu baatanis garuu Itoophiyummaa irratti garuu garaagarrummaa tokko illee hin qaban ture jedhaniiru.

Injifannoo abboonni keenyaa raawwatan kana dhaloonni har'aas irra deebi'uu qaba jedhaniiru.Gootummaan Itoophiyaa meeshaa waraanaan qofaa ta'uu hin qabu.

Lollee injifachuun booda tokkummaafi jaalalaan jiraachuun injifataa ta'uu qabnas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015