Injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanoonni tokkumaan seenaa itti dalaganidha.

581

Gurraandhala 23/2014(TOI) - Itti aanaan Pireezidantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanoonni tokkummaan seenaa itti dalaganidha jedhan.

Ayyaanni guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa 126ffaan Finfinnee Riqicha Adwaa irraatti kabajameera.

Sirnicharratti Pireezidantii FDRI Saayilewarq Zawuudee dabalatee Gootota Itoophiyaa durii fi hoggantoonnii mootummaa fi hawaasni bali'aan hirmaataniiru.

Itti aanaan Pireezidantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii sirna kanarrattii injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanoonni tokkummaan weerartuu Xaaliyaanii injifachuun qaanessanii deebisanidha jedhaniiru.

Abbootii fi haadholiin keenyaa biyya bilisummaan ishee eegame nuun gahuu isaaniif galatatu malaaf jedhaniiru.

Dhalooni har'aas faana abbootii fi haadholii isaa bu'uun garee shororkeessaa ABUT biyya diiguuf ka'e injifachuun tokkummaa fi bilisummaa biyyaa eegsisuu danda'eera jedhaniiru.

Ayyaana guyyaa injifannoo Adwaa 126ffaa yeroo kabajinu hiyyummaa injifachuun Itoophiyaa badhaatee uumuuf waadaa galuun ta'uu qaba jedhaniiru.

Kanaaf waantoota garaagarummaa keenya bali'isan dhiisuun tokkummaa keenya kan cimsaan irratti xiyyeeffachuun ta'uu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015