Yuunvarsiitichi hayyoota 11’f sadarkaa Piroofeesarummaa kenne - ENA Afaan Oromoo
Yuunvarsiitichi hayyoota 11’f sadarkaa Piroofeesarummaa kenne
Gurraandhala 22/2014 (TOI) – Yuunvarsiitiin Finfinnee hayyoota 11’f sadarkaa PIroofeesarummaa kenneera.
Yuunvarsiitichi ibsa baaseen kutaawwan barnootaan qoratamee, yaa’iiwwan koolleejjiiwwan Yuunvarsiitichaan sakatta’amuun haala quubsaa ta’een ogeeyyiin gamaggamamee, seeneetii Yuunvarsiitichaan ilaalamuunii fi murtee erga argateen booda Boordii hoggansa hojii Yuunvarsiitichaan hayyoota yuunvarsiitichaa 11’f sadarkaan piroofeesarummaa laatamuu ibsameera.
Haaluma kanaan:-
1. Dooktar Quumillaachawu Yashiixilaa
2. Dooktar Shimallis Asaffaa
3. Dooktar Mangistuu Laggasaa
4. Dooktar Guutaa Zannabaa
5. Dooktar Faasila Asaffaa
6. Dooktar Xilaayee Fayisaa
7. Dooktar Biruuk Laambisoo
8. Dooktar Birihaanuu Naggaa
9. Dooktar Zabbanaa Kiflee
10. Dooktar Tafarraa Daggafaa fi
11. Dooktar Nugusee Dayyeesaaf sadarkaa piroofesarummaa kennuun ibsameera.