Mana nama dhunfaa tokko keessatti shuguxii 20fi rasaasni gosa qawwee Kilaashinkoovi 400 qabame.

100

Gurraandhala 17/2014(TOI) - Mana nama dhunfaa tokko keessatti shuguxii 20fi rasaasni gosa qawwee Kilaashinkoovi 400 qabame.

Magaalaa Sulultaatti, Mana nama dhunfaa tokko keessatti shuguxii 20fi rasaasni gosa qawwee Kilaashinkoovi jedhamuu 400 qabamu himameera.

Meeshaalee kanneen to’annoo jala kan oolchuun danda’ame, hordoofiifi eeruu Tajaajila Odeeffannoofi Tika Nageenya Biyyaalessaafi Komishinii Poolisii Oromiyaa taasisaniin ta’us himameera.

Sakata’iinsa taasifameenis shuguxii Tarkii 20fi rasaasni qawwee Kilaashinkoovi 400 qabamus Komishiniin Poolisii Oromiyaa himeera.

Shakkaman namni dhunfaa tokkos to’annoo jala oolu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015