Garee shororkeessaa ABUT tiin miidhamee kan ture Hospitaala sadarkaa jalqabaa Amde warqiif deeggarsi meeshalee wali'anisaa taasifameef.

49

Gurraandhala 14/2014(TOI) -Garee shororkeessaa ABUT tiin kan miidhamee ture Bulchiinsa saba Wagimiraatti kan argamu Hospitalaa Amde Warqiif deeggarsii meeshalee wali'asaa taasifameef.

Meeshaaleen kunis birrii miiliyoona 1.4 kan baasanidha jedhameera.Deeggarsichas kan taasise tajaajila dhiheessii qorichaa Itoophiyaati jedhameera.

Daarektarri dhiheessiifi rabsa qorichaa Itoophiyaa obbo Indaalawuu Asmaamaawu akka TOI tti himanitti dhaabbilee fayyaa garee shororkeessaan miidhaan irra gahe deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamaa jiru deeggarsuuf galteewwan wali'asa fayyaaf oolaan deeggarsa gochaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015