Jagool turiistootaf Caalaatti mijataa gochuuf hojiin suphaa taasifamaa jira.

129

Guraandhala 11/2014(TOI) - Jagool turiistootaf Caalaatti mijataa gochuuf hojiin suphaa taasifamaa jira.

Hambaa Kiiliyaa ta’uun ‘UNESCO’ irraatti kan galmaahe ijaarsii Jagool turstootaaf caalaatti mijataa akka ta'uuf hojiin suphaafi miidhaksuu hojjetamaa jira

Biiroon Aadaa, Hambaafi Tuurizimii Naannicha akka beeksiseetti hojiin kun hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa jira.

Birichatti Daayireektarri Qorannoo Afaanii obbo Jaami Mahammad, qulqullina Jagool waliin walqabatee miidhaaf saaxilamaa jiraachuu himaniiru.

Mata-duree “Jagool qulqulluufi miidhagaa haa taasisfnu” jedhun aanaalee Amiir Nuurifi Abaadir qindeessuun hojjeta jiraachuu himaniiru

Jarraa 16ffaa keessaa akka ijaarame kan himame Jagool, balbala 5 kan qabu yoo ta’uu, keessa isaatti bocaalee seenaa qabeeyyiin waggaa dheeraa lakkoofsisan, Masjidotaafi manni Jireenya Barreessaa Firaans Artar Raanbufaa ni jiru.

Godhambaaleen, manneen aadaa Hararii, agarsiisa nyaata warabeessaa akkasumas bakkeewwan hawwata turiisti seenaa qabeeyyii waggooata heddu lakkoofsisan ni argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015