Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoonni beekkamtiin laatameef Afaan hojii Federaalaa ta'uun akka tajaajilan qophiin xumuramaa jira jedhame

91

Finfinnee, Gurraandhala 10/2014 (TOI) - Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoonni beekkamtiin laatameef Afaan hojii Federaalaa ta'uun akka tajaajilan qophiin xumuramaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiise.

Afaan Amaaraa dabalataan Afaanoota Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaan hojii mootummaa federaalaa ta'uun akka tajaajilan beekkamtiin laatameef gara hojiitti galchuuf sanadoota qophaa'eerratti qooda fudhattoota waliin Adaamaatti mari'atameera.

Afaanoota Imaammatichaan beekkamtii argatan gara hojiitti galchuuf turjumaana dabalatee dambiiwwan biroo qopheessuuf qoo'annoon gaggeeffamuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasan ibsaniiru.

Afaanoota kanneen gara hojiitti galchuuf adeemsa hedduu waan barbaachisuuf qophiin duraa xumuramuu eeraniiru.

Dambiiwwan qophaa'an hojiirra oolchuuf qorannoowwan gaggeeffamaniin bu'aa argannoo galteewwaniin gabbisuun hojiitti hiikuuf mariin kun murteessaa ta'uu Ministir Deetaan Aadaa fi Ispoortii Aadde Warqinash Birruun dubbataniiru.

Imaammata misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoota Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta'uun akka tajaajilan Arfan gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu kan eeran Aadde Warqinash, hojiin turjumaana Imaammata Afaan Oromoo, Afaan Somaalee fi Afaan Afaar xumuramuu kaasaniiru.

Kan Afaan Tigree hojjetamaa jiraachuu fi Afaanoonni hojiin turjumaanaa xumuraman gara naannoleetti ergamuun kutaaleen hawaasaa sadarkaan jiran irratti mari'achuun akka hubatan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015