Naannoo Harariitti, Sagantaan Seeftiineetii Magaalaa marsaa 2ffaa jalqabame.

69

Gurraandhala 10/2014- Naannoo Harariitti, Sagantaan Seeftiineetii Magaalaa marsaa 2ffaa jalqabame.

Sirna sagantaa kana jalqabsiisuurratti kan argaman Pireezidaantin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, rakkoo hiyyummaafi hoji-dhabdummaa naannichatti hidda gadifageeffate xiqqeessuuf xiyyeeffannoon hojetama jira jedhaniiru.

Lammilee hojjetaanii jijjiramuu danda'aniif carraan hojii umamaa kan jiru ta'uu kan himan Pireezidanitichi keessaayyuu keessaayyu manguddoota fi qaama miidhamtootaf xiyyeeffannoon kennameera jedhaniiru.

Aadaan hojii tuffachuu hawaasa bira jiru jijjiiramuu akka qabuufi keessattuu dargaggoonni hojii tuffachuu dhiisuun eeggattummaa jalaa bahuuf hojjachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Kaayyoon sagantaa kana jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiruu akka ta'e kan himan obbo Ooradiin, hojiileen sagantaa kanaan hojetama hundii qulqullinaan hojjetamuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Kanneen sagantaa kanarra waan argan qusaatanii gara waldaalee maakiroofi xixiqaatti guddataniif mootummaan naannicha deeggarsa barbaachisa ni taasisaafis jedhaniiru.

Hoggantuun Biiroo Misooma Intarpiraayiziifi Indaastirii Naannoo Hararii Aadde Samiiraa Yuusuf, marsaa jalqabaatiin lammiilee kuma 5fi 695 misooma naannawaa irratti hirmaachisuunifi lammiilee kuma 1 fi 802 deeggarsa kallatiitiin fayyadamaa gochuu dubbataniiru.

Aadde Samiiraan, Marsaa 2ffaatiin lammiilee 1562 fayyadamaa taasisuuf qophii xumuruun hojitti galuu isaaniis himaniiru.Lammiileen Sagantaa Seeftiineetii magaalaa kanarratti hirmaatan magariisummaa magaalaafi qulqullina magaalaafi hojiilee biroo irratti kan hirmaatan tahuun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015