Foramiin misoomaa jidduleessawwan barnootarratti xiyyeeffate karaa toora intarneetii geggeeffamuufi.

53

Gurraandhala 10/2014(TOI) - Foramiin misoomaa jidduleessawwan barnootarratti xiyyeeffate karaa toora intarneetii gurraandhala 16/2014 akka geggeeffamu Korpoteeshiniin Baankii lafaa fi misoomaa beeksise.

Kaayyoon Foramichaa sadarkaa idili addunyaatti jiddugaleessaawwan barnootaa beekamoo barnootaa Itoophiyaa waliin walitti hidhamiinsa akka uumaan taasisuuf yaadamee akka ta'ee himameera.

Daareektarri olaantuu Korporeeshinichaa Leensaa Mokonniin akka TOI tti himaniitti waliitti dhifeenyaa jiddugaleessaawwan kanneen cimsuun akka waliin misoomsaaniif carraa investimentii jiru beeksisuun kaayyoo biraa Foramichaati.

Foramii kanarrattis qodaa fudhatoonni dhimmi ilaallatu biyya keessaa fi alaa irratti ni hirmaatu jedhameera.

Karaa bit.ly/LBDCJVEDUCATION kanaas galmaa'uun akka irratti hirmaachuu danda'an himaniiru.

Korporeeshiniin baankii lafaa fi misoomaa kanaan dura foramii walfakkataa damee fayyaa fi manneenii irrattti geggeesuu kan himan daarektarittiin gara fuula duraattis Tekinolojii odeeffannoo fi qunnamtiirratti akkasuma damee tajaajilaarratti waltajji walfakkataa qopheesuuf karoorfamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015