Deetaan ministeeraa dhimma alaa ambaasaaddar Diinaa Muftii qabxiiwwan ijoo ibsa har'a laataaniin himan keessaa

123

Deetaan ministeeraa dhimma alaa ambaasaaddar Diinaa Muftii qabxiiwwan ijoo ibsa har'a laataaniin himan keessaa,

  • Labsiin yeroo ariifachiisa ka'uun maarii nageenyaaf gahee guddaa qaba.
  • Gareen shororkeessaa ABUT lola uumuun hojii deeggarsa namoomaa gufachiisa jira.
  • Mootummaan Itoophiyaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin hojjechuuf fedhii akka qabu qabatamaan agarsiisuu Itti aantuu Barreessituu olaantuu dhaabbatichaa Amiinaa Mahaammad dubbataniiru.
  • Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hojii Itoophiyaan nageenya irraatti hojjettu ni deeggara.
  • Itoophiyaa fi Sudaan dhimma hidha haaromsaa guddichaa fi daangaa biyyoota lameenii waliin wal qabatu karaa nagaa furuuf mariin taasifameera.
  • Daandii Matammaa - Galaabaat akkuma kanaan duraa sochii lammileef banaa akka ta'u mootummaa Sudaan waliin mariin taasifameera.
  • Afaan Amahaaraa akka Afaan hojii Gamataa Afrikaa ta'u sochiin jalqabameera.
  • Itoophiyaanoonni labsii HR 6600 ilaalchisuun duula mormii cimsanii itti fufaa jiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015