Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa gaaffii uummataa deebisuuf qophiidha-Dooktar Biqilaa Hurrisaa

84

Finfinnee, Gurraandhala 9/2014 (TOI)- Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa gaaffii uummataa deebisuuf qophiidha jechuun Waajjira Muummee Ministeeraatti qindeessaan giddugala ijaarsa sirna diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurriisaa ibsan.

Dooktar Biqilaa kana kan jedhan dheengadda galgalaa turtii bilbilaan Faanaa waliin taasisaaniidha.

Tibba kana leenjii gamaaggama beekumsa, kalaqaa, namuusaa fi ilaalchaa hoggantoota olaanoo gaggeeffamuu himaniiru.

Hoggansi hojii isaa bu’aa isaa qofaan madaaluu akka qabu, hoji maata qusannaa, karooraa akka hogganamuu fi uummataaf dhiyoo ta’uu akka qabu waltajjichaan waliigalamuu himaniiru.

Badhaadhinni yeroo itti aanuutti sochii taasisuuf rakkoo hawaasa adda baasuu fi kallattii kaa’uurra darbe akkuma baratamee tumsa taasisuu cimsee akka itti fufuu Dooktar Biqilaan yaadachiisaniiru. @fbc

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015