Humni Lafoo Waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Miseensota raayyichaa duula olantummaa seeraa kabachiisuuf geggeeffameen raawwii olaanaa galmeessisaniif sirna beekamtii fi galateeffannaa qopheesse

81

Guraandhala 08/2014(TOI) - Humni Lafoo Waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Miseensota raayyichaa duula olantummaa seeraa kabachiisuuf geggeeffameen raawwii olaanaa galmeessisaniif sirna beekamtii fi galateeffannaa qopheesse.

Sirnichaanis Hoggantootafi miseensota duula olantummaa seeraa kabachiisuun, duulli birmadummaafi sabdanessummaa injifannoon akka xumuramuuf raawwii olaanaa gaggeessaniif badhaasa Meedaayaa kennuu fi galateeffannaan gaggeeffameera.

Sirnicha irratti Raayyaa Ittisa Biyyaatti Qindeessaa Olaanaan hojiilee Ijaarsa humna Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Baacaa Dabalee keessummaa kabajaa ta’uun argamaniiru.

Jeneraal Baacaan akka jedhanitti kaayyoo gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf ture qolachuuf Qajeelchi Humna Lafoo Waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa lammiilee guutummaa biyyattiirraa Raayyaa Ittisa Biyyaatti makaman leenjisuun ciminaan hojjechuun gahee olaanaa bahateera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015