Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu Yuunivarsiitii Zaayid waliin hojjechuu waliigaltee Mallateesse.

142

Gurraandhala 8/2014(TOI) -Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu Yuunivarsiitii Zaayid waliin hojjechuu waliigaltee Mallateesse.

Yuunivarsiitichi Yuunivarsiitii biyyoota Gamtaa Immireetoota Gamtoomanii yoo ta'uu waliigalitichis kaaraa toora intarneetiin Zuum fayyadamuun kan geggeeffamedha.

Waliigaltichas kan mallaatteessan pirezidaantii Yuunivarsiitii Madda walaabuu doktar Ahimad Kaliiliifi pirezidaantii Yuunivarsiitii Zaayid pirofeesar Kilaaytoon Maakeenziitu mallatteesse.

Doktar Ahimad Kaliil sirnicharratti ergaa dabarsaniin Yuunivarsiitiin Madda walaabuu ergama akka biyyaatti qabu kan baruuf barsiisuu,qorannoof tajaajila hawaasaa bahachuuf dhabbata carraaqaa jiruu dha jedhan.

Keessattuu hojiileen qonnaa,turiizimiifi seektara fayyaa irratti godinoota Baaleef ollaa jiran irratti hojjachaa jiru kan fakkeenyummaan ibsaman tahuu erran.

Doktar Ahimad akka jedhanitti waliigalteen waloo Yuunivarsiitii Zaayid waliin mallateessan qorannoo saayinsaawaa gadi fageenya qabu geeggessuufi muuxannoo wal jijjiiruuf ni tumsa jedhan.

Waliigaltichi hojii qindaawaa yuunivarsiitichi qabeenya uumamaa,heddumina lubbu qabeeyyiifi qonna ceesisuu irratti hojjachaa jiru utubuuf humna taha kan jedhan ammoo Itti aanaa Pirezidaantii qorannoo,tajaajila hawaasaatiif cehumsa teeknooloojii Doktar Hasan Shifaati.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Zaayid Pirofeesar Kilaaytoon Maakeenzii gama isaaniitiin waliigaltichi dhimmoota misooma barnootaa,qorannoof cehumsa teeknooloojii irratti waloon hojjachuuf tumsa jedhan.

Dabalataanis walitti dhufeenya obbolummaa ummattoota biyya lamaanii barootaaf ture daran cimsuuf shoora ol'aanaa qaba jedhan.
Hayyoota yuunivarsiitichaa sirna waliigaltee mallateessuu kanarratti yaada kennan keessaa Doktar Muhammad Jamaal akka jedhanitti waliigaltichi muuxannoo gaggaarii naannoo misooma barnootaa,injinariingiif turiizimii irratti jiran wal jijjiiruuf tumsuun cinaatti sadarkaa yunivarsiitichi muuxannoo idil-addunyaa qoodachuuf qabu guddisuu keessatti shoora ol'aana qaba jedhan

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015