Yaa'iin dhaabbilee amantaa Itoophiyaa Godina Booranaatti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa birrii kuma 500 taasise.

67

Gurraandhala 8/2014(TOI) - Yaa'iin dhaabbilee amantaa Itoophiyaa Godina Booranaatti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa birrii kuma 500 taasise.

Deeggarsa kanas jiraattuu godinichaafi miseensa mana maree bakka bu'aata uummata kan ta'an aadde Tiyaa Moyyuu fuudhaniiru.

Hogganaan yaa'ii dhaabbilee amantaa Itoophiyaa qeesis Taagay Taaddalee, sadarkaa biyyaatti bakkeewwan tokko tokkootti hongee umameen rakkoon namootarra gahaa jira jedhaniiru.

Rakkoo kana furuuf hundumtuu waan danda'uun hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Deeggarsi yaa'ichi taasisees kan dhaabbileen amantaa miseensoota yaa'ichaa ta'an 7 walitti qabanidha jedhaniiru.

Deeggarsi taasifame kun rakkoo sababa hongeen godinichaatti mudatee jiru waliin yoo ilaalamu gahaadha jedhamuu baatuus hunduu waan danda'uun yoo akkanatti deeggarsa taasise rakkiichi hiri'achuu ni danda'a waan ta'eef hunduu hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015