Diyaaspoorawwaan lammilee godina Walloo Kibbaatti qe'eesanirra buqqa'aniif deeggarsa birrii miiliyoona 18 tti tilmamu taasisan.

68

Gurraandhala 7/2014(TOI) - Diyaaspoorawwaan naannoo Amahaaraa Godina Walloo Kibbaatti lammilee qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'aniif deeggarsa nyaata fi meeshalee biroo kan birrii miiliyoona 18tti tilmamu baasu taasisan.

Lammileen Itoophiyaafi dhalatoonni Itoophiyaa biyya alaa jiraan kara 'Ayizoon Itoophiyaa doot koom' lammilee rakkoof saaxilaman gargaaruf maallaqa walitti qabaa jiru.

Haaluma kanaan haga ammaatti doolaarrii miiliyoona 7 kan walitti qabame yoo ta'u maallaqa kanarraa lammilee qe'ee isaanirra buqqa'anii naannoo Amahaaraa aanaa Qobbootti argamaanif nyaataa fi meeshaalee biroo kan gatiin isaanii birrii miiliyoona 18 baasu gargaaraniiru.

Deggarsa kanas Komishiiniin hoggasa sodaa balaa fi Ejensiin Diyaaspooraa Itoophiyaa waliin ta'uun qaqqabsiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015