Balaa Ibiddaa naannoo daangaa Paarkii gaarreen Baaleetti ka’e to’achuuf yaaliin taasifamaa jira jedhame

86

Finfinnee, Gurraandhala 7/2014 (TOI)– Balaa ibiddaa naannoo daangaa gaarreen Baaleetti ka’e to’achuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu Biiroo Eegumsa Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaatti Waajjirri Damee Baalee ibseera.

Balichi aanaa Barbaree bakka Simanaa Odoobuluu jedhamutti guyyaa lama dura ka’uu bakka bu’aan hojii gaggeessaa waajjirichaa obbo Qana’aa Didhaa ibsaniiru.

Namoota karaa seeraan alaa kasala qopheessan, damma baasanii fi margi akka biqiluuf ibidda qabsiisaniif irra deddeebiin balaan ibiddaa kun kan uumamu ta’uu yaadachiisaniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu fi hongeen walqabatee namoota beellada isaaniif marga barbaacha qabatanii seenaniin ta’uu mala jedhanii kan tilmaaman ta’uu eeraniiru.Bakkichi rakkisaa ta’uunii fi haalli qilleensaa goggogaa ta’uun ibiddicha guutumaan guutuutti to’achuuf rakkisaa ta’uu himaniiru.

Balichi aanaa Barbareerraa gara aanaa Goobbaatti babal’achaa wan jiruuf bulchiinsa sadarkaan jiru, qaamolee nageenyaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun balichi miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisiin to’achuuf tattaaffii qindaa’aan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Balaan ibiddaa kun gara bosona paarkichaatti akka hin babal’anneef hawaasa naannichaa hirmaachisuun hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu hogganaan Paarkii Biyyaalesaa Gaarreewwan Baalee obbo Shaamiil Kadir ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015