Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa miseensa hawaasafi abbootii amantaa Itoophiyaa Qaataaritti argaman waliin dhimmota adda addaaa irraatti mari’atan.

58

Guraandhala 07/2014- Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa miseensa hawaasafi abbootii amantaa Itiyoophiyaa Qaataaritti argaman waliin dhimmota adda addaaa irraatti mari’atan.

Barreessaa Olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Luba Taagaay Taaddala lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa akkasumas abbootii amantaa waliin mari’ataniiru.

Marii kananiis fuula dura Yaa’iin kun Qaataar Doohaatti damee isaa haala itti banuun danda’amu irratti mari’ataniru.

Qaataaritti hawaasni Itoophiyaa dhaabbilee amantaa waliin ta’uun Itiyoophiyaaf deeggarsa namoomaa haala itti kennan, akkasumas iddoowwaan beelli itti muudataniis deeggaruf wantoota hojjechu qaban irraatti mari’ataniiru.

Qamooleen tokko tokkoo haala yeroo biyyi amma keessa jirtu akka carraati fudhachun amantiwwaan gidduutti garaa garummaa siyaasaafi garagarummaa biroo uumuuf hojii hojjecha jiran ilaalchisuunis miri’ataniiru.

Qaataar Doohaatti Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa ji’a 9ffaa gaafa guyyaa 18 bara 2014 booda damichi ifatii akka hundeeffamu murtaahu Lubni Tagaay Taaddalaa himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015