Doktar Abiy Ahimad Gamoo haaraa Waajjira muumnee Baankii Daldala Itoophiyaa Eebbisan.

97

Gurraandhala 7/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Gamoo haaraa Baankiin Daldala Itoophiyaa ijaarsisee har'a eebbisa.

Sirna eebba Gamoo kanaarratti Ministirooonni adda addaa hoggantoonni baankichaa, Hoggantoonni mootummaa biroon bakka argamanitti eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'eera.

Gamoon Baankiichaa kun miidhagina Magaalaa Finfinneef simboo dabalataa kan ta'e yoo ta'u dheeriina meetiraa 209 lafarraa ol kan qabu fi lafa kaaree kuma 165 irraatti ijaarame.
Gamoon kun waajjira muummee Baankii Daldala Itoophiyaa ta'ee kan tajaajiludhas jedhameera.

Gamichi darbii lafa jalaa qabu dabalatee darbiiwwaan 55 akka qabus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015