Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan sirna kabaja Raayyaa Ittisaa Ugaandaa 41ffaarratti hirmaataniru. - ENA Afaan Oromoo
Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan sirna kabaja Raayyaa Ittisaa Ugaandaa 41ffaarratti hirmaataniru.
Gurraandhala 5/2014 (TOI) - Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan affeerraa Pireezdaantiin Ugaandaa Yuuweerii Muuseeviinii taasiisaniifiin sirna kabaja Raayyaa Ittisaa Yuugaandaa 41ffaarratti hirmaataniru.
Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan affeerraa isaanii kabajuun sirnicharratti argamuu isaaniin Pireezdaant Yuuweerii Muuseeviiniin galateeffataniiru.
Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaanis ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Sirna kabaja ayyaannichaarratti kana argaman Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Ugaandaa, Burrundii, Moozaambik, Sudaan Kibbaa, Rippaabilka Diimookiraatawaa Koongoo fi Itti aanaa Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Keeniyaa waliin dhuunfaan wal arguun mari'ataniiru jedhame.
Hariiroo waloo, dhimmoota waqtaawaa fi dhimmoota tumsaan hojjechuun barbaachisurratti mari'achuu isaanii ragaan fuula feesbuukii Raayyaa ittisaarraa argame ni muul'isa.