“Afrikaatti hogganaan fayidaa biyyaa isaa eegsisuuf dursa kennuu biyyoota lixaa tokko tokko biratti fudhatama hin argatu"

103

Gurraandhala 4/2014(TOI) -Afrikaatti hogganaan fayidaa uummataa fi biyyaa isaa kabachiisuuf dursa kennuu biyyoota lixaa tokko tokko biratti fudhatama kan hin arganne ta'uu ambaasaaddar Xirunee Zeenaa dubbatan.

Ambaasaaddar Xirunee Zeenaa waggoota 30 f gorsaa ministeera dhima alaa fi Ambaasaaddara ta'uun tajaajilaa turaniiru.

Beeljiyeem Biraasilitti ambaasaaddara Itoophiyaa kan Gamtaa Awurooppaa, akkasuma Niwuyoorkitti ambaasaaddara Itoophayaa kan dhaabbata mootumoota gamtoomanii ta'uun waggoota 15 f tajaajilaniiru.

Dimookirati Jarmanii duraatti, Kaariyaa Kibbaafi Gaanaatti waggoota 9 f ambaasaaddara ta'uun biyya isaanii tajaajilaniiru.

Hojii dippilomaasiin waggoota hedduuf biyya isaanii tajaajiluun muuxannoo yeroo dheeraa kan qaban ambaasaaddar Xirunee Zeenaa haala qabatamaa hojii dippiloomasii Itoophiyaa yeroo ammaa ilaalichisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.

Rakkoon yeroo Itoophiyaa mudatu biyyoonni fuula irraa garagalfatan duruma turan. Amas jiru. Gara fuula duraattis ni jiraatu kan jedhan ambaasaaddar Xirunee Zeenaa, hojiin dippilomaasii garuu kan hin dhaabbanneefi gara fuula duraattis kan itti fufudha jedhaniiru.

Yaa'iin hoggantoota gamtaa Afrikaa Finfinneetti akka hin geggeeffamneef yaaliin taasifamus hojii dippilomaasii fi dhugaa jiru hubachiisuun yaa'ichi milikaa'inaan taa'ameera.

Kanaanis Itoophiyaan bu'aa dippilomaasii buufateetti. Yaa'ii kanaan maqaan gaarii Itoophiyaa kan ijaarameefi sagaleen Itoophiyaas kan ittiin dhaga'amedha jedhaniiru.

Biyyoonni Itoophiyaarraa fuula isaanii garagalfatan tokko tokko uummanni Itoophiyaa birmadummaa biyya isaa kabachiisuuf kutannoo qabu kanneen hin hubannedha jedhaniiru.

Muuxannoo hojii dippilomaasiin qabani wal qabatee yoo dubbatan biyyoonni dhihaa yoo isaan nu faarsan malee yoo isaan nu morman hin nahu kan jedhan ambaasaaddar Xirunee Zeenaa keessaayyuu Afrikaatti hogganaan fayidaa biyyaa isaa eegsisuuf dursa kennuu biyyoota lixaa tokko tokko biratti hamma kana fudhatama hin argatu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015