Zimbaabuwween walitti dhufeenya waggaa dheeraaf Itoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuu barbaaddi.

48

Gurraandhala, 03/2014(TOI) -Zimbaabuwween walitti dhufeenya waggaa dheeraaf Itoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuu akka barbaaddu Itoophiyaatti amabaasaaddarri Zimbaabuwee Taa'oongaa Mushaayanvaaniin himan.

Itoophiyaan rakkoo ishee mudatee dandeetti ofisheetiifi muuxannoo qabduun furachuu akka dandeessuu ni amanna jedhaniiru.

Itoophiyaan yaa'ii hoggantoota Afrikaa haala gaariin keessuummeessuu isheetti kan gammadan ta'uus himaniiru.
Zimbaabuween walitti dhufee seenaa qabeessa waggoota hedduuf Itoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsitee kan itti fuftu ta'uus himaniiru.

Yeroo Zimbaabuween kolonii jalaa bahuuf qabsaa'aa turtetti Itoophiyaan riphe loltoota bilisummaaf lolan leenjisaa turun ishee yoom illee kan dagatamu miti jedhaniiru.

Itoophiyaan Zimbaabuweedhaaf ogeeyyoota xiyyara lolaa fi daandii qilleensaa leenjisuun seenaa yoom illee hin dagatamnee akka ta'ee ambaasaaddarichi himaniiru.

Yaa'ii gamtaa Afrikaarratti hirmaatanii kan turan Pireezidaantiin Zimbaabuwee Emarsaan Minangagiwaa Itoophiyaatti jijjiiramoonni gaariin mul'achaa jiraachuu kan hubataan akka ta'e himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015