Manni maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee bor yaa'ii idileessaa 1ffaa ni taa'a.

68

Gurraandhala 2/2014(TOI) - Manni maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee 3ffaan yaa'ii idilee 1ffaa isaa boru akka taa'uu beeksise.

Dubbi himaan mana marichaa obbo Addisaalam Inchaaloo dhimmicha ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Raawwii bajataa bara 2014 bulchiinsa magaalichaa fi manneen murtii kan baatii jahaarratti mari'achuun raggaasisuu, wixinee Yaa'ii iyyata dhaggeeffatoota dhimma kaasaa bulchiinsa magaalichaa hundeessuuf qopha;'eerratti mari'achuun raggaasisuufi muudama adda addaa kan mirkaneessuu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015