Birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuu keessaatti uummanni Affaar aarsaa guddaa kanafaleera - Pireezidant Saayileewariq Zawudee

65

Gurraandhala, 2/20149TOI) - Pireezidaantiin FDRI Saayileewariq Zawudee Uummanni Affaar haala rakkisaa waggaa tokkoo oliif sadrkaa biyyaatti ture keessaatti birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf aarsaa guddaa kanafaleera jedhan.

Pireezidaantii Saayileewarqi Zawudeen bakka itti aantuun hooggantuu olaantuu dhaabbata mootummoota gamtoomanii Amiinaa Mahaammad argamanitti haalaa waqtawaa biyyaa irratti hoggantoota naannoo Affaarifi manguddoota biyaa waliin magaalaa Samaaratti mari'ataniiru.

Marii kanarratti haasaa taasisaniin ,haala rakkisaa waggaa tokkoof sadarkaa biyyaatti ture keessaatti Uummanni Affaar birmadummaa biyyaa kabachiisuuf qoramaata hedduu isa mudate keessatti aarsaa hedduu kanafaleera.

Rakkoo kana keessatti dubartootaa fi daa'imman dabalatee lammileen nagaa lakkoofsaan hedduu ta'an lubbuu isaanii dhabaniiru.

Itti aantuun Barreesituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad gama isaaniin rakkoo biyyattitti umame miidhaa mirga namoomaa hedduu geesisuu himaniiru.

Keessattu immoo lubbuu dubartootaa fi daa'immanii akkasuma kanneen dadhaboo ta'an balleessera.Dhaabbanni isaanii rakkichi karaa marii fi waliigalteen akka furamuu kan barabaadu ta'uus himaniiru.

Dabalataanis dhaabbanni isaanii naannoo Affaar dabalatee biyyatiitti waraanaafi sababoota adda addaan lammilee qe'ee fi qabeenya isaanirraa buqqa'aniif deeggarsa barbaachisa kan taasisuuf ta'uu himaniiru.

Pireezidabtiin naannoo Affaar obbo Awal Arbaa akka himanitti dhaabbanni mootumoota gamtoomanii deeggarsa taasiseen naannichaatti hojiiwwan misoomaa bu'uuraa fi hawaasumaa hedduun kan hojjetamaa turan ta'uu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT naaannichatti dubartoota, daa'immanii fi dadhabdoota irraatti meeshaa waraanaa gurguddaa dhukaasuun Abalalaa, Arbitti, Magaalee, Barahilee fi Kunaabatti miidhaa guddaa geesisuu himaniiru.

Jiruu fi jireenya uumataaf beelladoota baay'ee barbaachisoo ta'an kanneen akka gaalaa ajjeesa jira. Bu'uuraaleen misooma akka Fayyaa, barnootaafi kanneen biroon garee kanaan mancaafama jiru jedhaniiru.

Gareen shororkeessaa kun akka waliigalaattis naannichatti horsiise bulaa miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 ol kan aanolee 21 keessaa jiraatan rakkoo cimaaf akka saaxilaman taasiseera jedhaniiru.

Kana keessaas horsiise bulaan kuma 600 ol ta'u kan qe'ee fi qabeenya isaarra buqqifame ta'uu obbo Awal himaniiru.

Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee, Itti aantuu Barreessituu olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Pireezdaantii duraanii Naayijeeriyaa Ooliiseengoo Oobaasaanjoo har'a ganama Samaraa galuun isaanii ni yaadatama.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015