Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa'ii hoggantoota gamtaa Afrikaa 35ffarratti hirmaachaa turan gara biyya isaanitti deebi'anii galaa jiru.

67

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (TOI) – Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa'ii hoggantoota gamtaa Afrikaa 35ffarratti hirmaachaa turan gara biyya isaanitti deebi'anii galaa jiru.

Pireezdaantiin Seeneegaalii fi Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Maakii Saal gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.Haaluma walfakkaatuun itti aanaan Ministira muummee Taanzaaniyaa doktar Filiippi Mipaangoonis gara biyya isaanitti deebi'aniiru.

Yaa'icharratti hirmaachaa kan turan itti aanaan Pireezidaantii Zaambiyaa doktar Aysaatuu Toreeyin gara biyya isaanitti deebi'aniiru.

Hoggantoota kanneenif Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad, Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi hoggantoonni olaanoon mootummaa biroon buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaa taasisaniiruufiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015