Barreessitu Olaantuu Itti Aantuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanni Aminaa Mahammad, Magaalaa Komboolchaa dhaqan.

44

Amajji 29/2014(TOI) – Barreessituu Olaantuu Itti Aantuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanni Aminaa Mahaammad, wayita Magaalaa Kombolchaa gahan Pireezidaantii Itti Aanaa Naannoo Amaaraa Dr. Geetaacho Janbar dabalatee hoggansa olaanoo naannoofi federaalaan simatamaniru.

Kantibaa Itti Aanaan Magaalaa Komboolchaa Injinar Ahimad Yusuuf, jilli Barreessitu Itti Aantuu kanaan durfame kun waraana gareen shororkeessaa TPLF’ baneen badii namoomaafi meeshaalee dhaqqaban ni dawwata jedhan.

Jilli kun kutaalee hawaasa waraana garee shororkeessaan banamen maatii isaanii dhaban, qaamaa miidhamaniifi dhaabbilee kan daawwatan ta’aa jedhan.

Badii gama hundaan Walloo Kibbaarraa gaheefi haleella gahe jilli kanaaf ibsi ni taasifama jedhan.

Barreessittuu Olaantuu Itti Aantuun kun yeroo turtii isaanii hoggansaafi qaaamolee dhimmi ilaallatu waliin akka mari’atan ni eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015