Afrikaan Miidiyaa Sagaleen Afrikaa kan ittiin dhaga'amu, sagaleen Paan Afrikaanizimii kan caalaatti ittiin muli'atu qabaachuu akka qabdu

69

Amajjii 28/2014 (TOI) – Afrikaan Miidiyaa Sagaleen Afrikaa kan ittiin dhaga'amu, sagaleen Paan Afrikaanizimii kan caalaatti ittiin muli'atu qabaachuu akka qabdu Ministirri muummee FDRI dokta Abiy Ahimad ibsan.

Doktar Abiy Ahimad haasaa baniinsaa yaa'ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti taasisaniin Afrikaan humna arditti jijjiiruu dandahuu hedduu qabaattuus sababoota garagaraan garuu fayyadamuu hin dandeenye jedhan.

Vaayrasiin Koroonaa sochii hawaas diinagdee arditti hedduu miidhuu fi waliin gahiinsi talaalli qixa hin taanee dhimmicha hammeessu dubbataniiru.

Afrikaan miidiyaalee addunyaan haalli isheen itti ibsamaa jirtu karaa sirri miti.Midiyaaleen addunyaa hedduun Afrikaa bakka hongeen itti baay'atu, beellii jiru, mallattoo duubatti haftummaa dhiheessaa akka jiran himaniiru.

Rakkoo kana keessa bahuun kan danda'umus ammadha jedhaniiru.Maqaa gaarii Afrikaa ijaaruuf miidiyaalee kan Afrikaa ta'an yeroon hudaa'uu qaban yeroon isaa amma jedhaniiru.

Afrikaan dhaabbilee addunyaa keessaatti akkuma haalaa gaariin sagaleen ishee hin dhaga'amne, dhaabbileen miidiyaa addunyaas akkataan isaan Afrikaa itti ibsaan karaa itti yaadamee karoorfameen akka ta'e himaniiru.

Maqaa gaarii Afrikaa balleessuun kun dhaabbachuu qaba kan jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Afrikaan Miidiyaa Sagaleen Afrikaa kan ittiin dhaga'amu, sagaleen Paan Afrikaanizimii kan caalaatti ittiin muli'atu qabaachuu qabdi jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015