Jibutiitti qaama duula ashaaraa magariisaa kan ta'e sirni Biqiltuu dhaabuu geggeeffame.

79

Amajji,26/2014(TOI) - Jibutiitti qaama duula ashaaraa magariisaa kan ta'e sirni Biqiltuu dhaabuu geggeeffame.

Sirna biqiltuu dhaabuu kanarratti Imbaasii Itoophiyaa Jibuttii argamitti itti aanaa hogganaa Misiyoonii, Kantiibaan magaalaa Jibutii Faaxumaa Awwal Oosimaan, bakka buutota ministeera qonnaa Jibutiifi Hawaasni Itoophiyaa Jibutii jiraatuu irratti argamaniiru.

Kantiibaan magaalaa Jibutii Faaxumaa Awwal sirna kanarratti haasaa taasisaniin biqiltuun dhaabbate kun miidhagina magaalaa isaanii fooyyeesuun cinaatti jijjirama haalaa qilleensaa qaxanichaa damdamachuuf hojii hojjetamu keessaattis gahee guddaa qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015