Jilli Ministira Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahmadiin durfamu Godina Booranaatti imale.

71

Amajji 26/2014(TOI) - Jilli Ministira Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahmadiin durfamu Godina Booranaatti imale.

Jilli kun wayita Boorana gahu Abbooti Gadaafi Hawaasa godinchaan simatamera.

Jila kana waliin Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Pireezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee, aanga’oonni Mootummaa Feederaalaafi Naannoo waliin imalaniru.

Jilli kun haala miidhaa hongee uummata keessa jiruufi Giddu gala Horsiisa Sanyi Loon Booranaa, mana bulti addaa Yaa’abal’oo, Ijaarsa Galma Abbaa Kubii Curaa ni daawwata jedhame eggama.@OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015