Ministiroonni dhimma alaa biyyoota Afrikaa 14 Finfinnee galan.

52

Amajji, 24/2014(TOI) - Yaa'ii hoggantoota gamtaa Afrikaa 35ffaa fi walga'ii mana maree hojii raawwachiiftoota gamtichaarratti hirmaachuuf Ministiroonni dhimma alaa biyyoota Afrikaa 14 Finfinnee galaniiru.

Dilbata darbee gara galgalaa Ministirri dhimma alaa Zimbaabuwee Ambaasaaddar Firediik Shavaa fi ministirri dhimma alaa Saa'oo toomeefi Pirinsippee Editee do Raamoos da Kostaa ten-zhiwaa finfinnee galaniiru.

Kaleessaa galgala haga saatii 12 qofaatti ministiroonni dhimma alaa biyyoota Afrikaa 12 ta'an yaa'icharratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Ministiroonni biyyoota akka Somaaliiyaa, Kaameeruun, Chaad, Kotidivaar, Dimookiraat Rippabilik Koongoo, Angoolaa, Jibutii, Liibiyaa, Moritaaniyaa, Senegaal, Afrikaa Kibbaa,fi Niijer haga ammaatti Finfinnee kanneen galan keessatti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015