Hoggantoonni biyyoota Afrikaa adda addaa Finfinnee gala jiru.

63

Amajji, 24/2014(TOI) - Hoggantoonni biyyoota Afrikaa adda addaa Finfinnee gala jiru.Haaluma kanaan Ministirri dhimma alaa Jibutii Maahammud Alii Yuusuu fi Ministirri dhimma alaa Liibiyaa Naajilaa Mahaammad Almangoosh Finfinnee galan.

Yeroo isaan buufa xayyaara idil addunyaa Boolee gahanis Ministeera dhimma alaa FDRI tti shuumiin dhimmoota kaabinee ambaasaaddar Mihirati'aab Mulugeetaa simannaa taasisaniifiru.

Haaluma wal fakkatuun Itti aanaan Ministirra muummee fi Ministirri dhimma alaa Niijeer Hasuumii Maashudii har'a ganama Finfinnee galaniiru.

Yeroo isaan buufa xayyaara idil addunyaa Boolee gahanis Ministeera dhimma alaa FDRI tti shuumiin dhimmoota pirotokoolii ambaasaaddar Faayisal Aliyii simannaa taasisaniifiru.

Ministiroonni kunneen yaa'ii hoggantoota gamtaa Afrikaa 35ffaa fi walga'ii mana maree hojii raawwachiiftoota gamtichaarratti hirmaachuuf gara Finfinnee dhufan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015