Itoophiyaanoonni Afrikaa Kibbaa jiraatan riiyaada Afrkaa kibbaa kuma 100 deeggarsa taasisan. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaanoonni Afrikaa Kibbaa jiraatan riiyaada Afrkaa kibbaa kuma 100 deeggarsa taasisan.
157
Amajji, 23/2014(TOI) - Itoophiyaanoonni Afrikaa Kibbaa magaalaa daangaa Zimbaabuweetti argamtuu Masiina fi naannooshee jiraatan Itoophiyaatti namoota miidhaan irra gaheef riiyaada Afrkaa kibbaa kuma 100 deeggarsa taasisan.
Deeggarsicha ilaalchisuun sagantaa Magaalaa Masiinaatti qophaa'eera. Sagantaa kanarratti Piriitooriyaatti kan argamu Imbaasii FDRI tti qindeessaan diyaaspooraa obbo Geetaachoo Makeebaa argamaniiru.
Obbo Geetaachoon sirna kanarratti haasaa taasisaniin hawaasa deeggarsa kana taasiseefi qindeesitoota deeggarsa kanaa galateeffataniiru.
Koreen deeggarsicha qindeessanis gara fuula duraattis deeggarsicha cimsanii kan itti fufan ta'uu himaniiru.