Uummanni godina shawaa kaabaa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti bakkeewwan hongeen miidhamaniif deeggarsa nyaata beelladaa taasise - ENA Afaan Oromoo
Uummanni godina shawaa kaabaa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti bakkeewwan hongeen miidhamaniif deeggarsa nyaata beelladaa taasise
Amajji, 23/2014(TOI) Naannoo Amahaaraatti jiraatoonni godina shawaa kaabaa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti bakkeewwan hongeen miidhamaniif deeggarsa nyaata beelladaa toonii kuma 150 taasise
Nyaanni beelladaa kunis kaleessa gara bakkeewwan kanneenitti ergamuun himameera.
Itti aanaan bulchaa gonichaa obbo Sisaay Walda amaanu'eel raakkoo birmadummaa biyyaa nu mudatee ture akkum gamtaan qolannee keessaa baan, dhiibbaa karaa umamaa nu mudates gamtaan wal deeggaree keessa baana jedhaniiru.
Hongeen naannoo Oromiyaa fi Somaalee godinaalee tokko tokkootti mudateen miidhaan beelladarraan gahee galii gama beelladaan argamu akka miidhuu himaniiru.
Rakkoo kana wal gargaaruun keessaa ni baanaas jedhaniiru.
Haaluma kanaan uummata godinichaarra kan walitti qabamee nyaata beelladdaa toonii kuma 150 deeggarsa taasisuu himaniiru.
Deeggarsi kunis maallaqaan yoo shallagamu gara birrii miiliiyoona 5.1 akka ta'u himaniiru.
Gara fuula duraattis deeggarsii kun cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.