Manneen Barnootaa miidhaan irra gahe ijaaruuf birrii biliyoona 1.6 ramadameera.

59

Amajjii 21/2014(TOI) - Ministeerri Barnootaa Manneen Barnootaa miidhaan irra gahe deebisee ijaaruuf birrii biliyoona 1.6 ramaduu beeksise.

Ministeerri Barnootaafii Biiroon Barnoota Naannolee haala itti Manneen Barnoota garee Shororkeessaa ABUT'n diigaman itti deebisanii ijaaruun danda’amu irratti mari’atanii jiru.

Maricha irratti Ministiirri Barnootaa Pirofeeser Biraanuu Naggaa Ministeerri Barnootaafii Biiroon Barnoota Naannolee haala itti Manneen Barnootaa kana deebisanii ijaaruun danda’amu irratti walii galtee irra gahuu beeksisan.

Walii galtee kanaan Ministeerri Barnootaa Manneen Barnootaa Naannolee lamaanitti guutumaan guutuutti barbadaa’an kuma 1fi 93 akka ijaarsisu himameera.

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015