Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa magaalaa Finfinneetti taa’amun isaa hawaasni idil adduunyaa Itoophiyaan nagaa qabachuu ishii akka hubataniif carraa gaarii uumaa.

42

Amajjii 20,2014(TOI) –Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa magaalaa Finfinneetti taa’amun isaa hawaasni idil adduunyaa Itoophiyaan nagaa qabachuu ishii akka hubataniif carraa gaarii uumaa jedhame.

Magaalaan Finfinnee Yaa’ii kana keessummeessuuf qophii xumuruun keessummoota ishii simachuuf eegaa jiraachuu Itti Gaafataman Biiroo Kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee Obbo Yoonaas Zawudee himaniiru.

Yaa’iin kun magaalaa miidhagduu Finfinneetti, nageenya amansiisaafi tasgabbiin akka taa’amuf qaamolee dhimmamtoota waliin qindaa’uun qophiin taasifamuus himan

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015