Qocollaa gareen shororkeessaa ABUT taasisuu kallati tarkaanfiin itti fudhatamu kaa'ame.

53

Amajji 20/2014(TOI) - Qocholloo gareen Shoororkeessaa ABUT taasisaa jiruu qolachuuf Raayyaan Ittisa Biyyaafi Humnoonni Nageenya Naannoolee qorannoo irratti hundaa'uun kallattiin tarkaanfii itti fudhatan kaa'ameera.

Manni Maree Nageenyaa Federaalaa fi Pireezedaantoota Naannolee kan Ministira Muummee Itiyoophiyaa doktar Abiyyi Ahimadiin durfamu haala nageenyaa biyyaalessaarratti mari’achuun, kallattii yeroo itti aanuu kaa’eera.

Haala nageenyaa biyyattii yeroo ammaa itti fufsiisuuf, sochii seeraan alaa qolachuufi caaseeffama idileen alaa sababa waraanaan uumame kallattii qabsiisuuf waliigalamuus ibsameera.

Xuxuqaa gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiisaa jiru hordofee qaamoleen nageenyaa haala tarkaanfii madaalawaa ta’e itti fudhachuu danda'anirratti kallattiin kaa’ameera.

Daayreektarri olaanaan Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessa obbo Tamasgeen Xiruunahi, dhimmoota biyyattiif sodaa ta’an gamanumaan adda baasuun kallatti qabsiisuu fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun dirqama ta’uu ibsan.

Rakkoo keessoo furuurra darbee yeroo itti aanu nageenya mirkaneessuu fi hariiroo biyyaalessaa cimsuuf kallattiin kaa’ameera.

Sochii garee Shororkeessitootaa qorachuun haala tarkaanfiin barbaachisaa ta’e fudhatamuu qaburratti kallattiin kaa’amuu Ministirri Raayyaa Ittisaa doktar Abrahaam Balaay himaniiru.

Kallattii kaa’ameefi dhimmoonni irratti waliigalame qaamoleen nageenyaa Fedeeraalaa fi naannolee sadarkaan jiran hojiitti ni hiikuu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015