Magaalaa Jimmaatti ijraarsa Riil Isteetiirratti bobba'uuf miseensoota diyaaspooraa doolaara miiliyoona 7 qusataniif bakki kenname.

54

Amajji, 20/2014(TOI) - Magaalaa Jimmaatti ijraarsa Riil Isteetiirratti bobba'uuf miseensoota diyaaspooraa doolaara miiliyoona 7 qusataniif bakki kenname.

Magaalaan Jimmaa bakka ijaarsaa Riil Isteetiif oolu kan kenneef kun waggaa 6 dura hojii kana hojjechuuf waldaan kan gurmaa'aan miseensoota diyaaspooraa 120 ta'uu himaeera.

Waamicha Ministirri Muummee taasisaan fudhachuun gara biyyaa kan dhufan hawaasni diyaaspooraa magaalaa Jimmaa daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin boodas bakka misoomaa manneen Riirl isteetii itti ijaaruuf gaafatan fudhataniiru.Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Najib Raayyaa biyyi keenya yeroo rakkoo cimaa keessaa galtee turteetti Itoophiyaannii fi dhalatoonni Itoophiyaa biyya ambaa jiraatan biyya isaaniif ambaasaaddara ta'uun waan isaan raawwatan yoom iyyuu ni yaadama jedhaniiru.

Obbo Najib kanaafis hawaasaa diyaaspooraa galateeffataniiru.Hojii guddina biyya isaaniif hojjetaa jiran kana cimsuun gara fuula duraattis dameewwaan hojii adda addaan misooma kanarratti hirmaachuu akka qaban dhaamaniiru.

Hawaasni diyaaspooraa maallaqa walitti qabuun misoomaa magaalaa Jimmaatiif birrii miiliyoona 1.6 kennuus himaniiru.

Yeroo ammaas mana barnoota daa'immanii Bu'uura Boruu jedhamu ijaarsisaa akka jiran himaniiru.

Itti aanaan bulchaa godina Jimmaa obbo Yuusuuf Shaaroo gidinichi hojiiwwan inveestimentii adda addaaf mijataa ta'uu ta'uu himaniiru.

Hundeessaa fi barreessan waldaa diyaaspooraa Oromoo Awustaraaliyaa obbo Mahaammad Abbaa Waajii gamasaaniin, biyyoonni lixaa wayita dhiibbaa Ityoophiyaarraan geessisaa turan balaaleffachaa fi biyyasaaniif sagalee ta’aa turuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015