Jilli obbo Ahimad Shiideen durfamu Saa’ud Arabiyaa gale.

65

Amajjii 19, 2014 (TOI) – Jilli Ministira Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu Saa’ud Arabiyaa galeera.

Jilichi turtii isaan dhimmoota waloo biyyoota lamaanii fi qabiinsa mirga lammiilee Itoophiyaa mana Hidhaa biyyaattii keessa jiranii ilaalchisee ni mari’atu jedhameera.

Dabalataan jilichi duula birmadummaa kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamee fi haala Waqtaawaa ilaalchisee ibsa ni taasiisaan jedhamee akka eegamu ragaan Riyaaditti Imbaasii Itoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015